• Increase font size
  • Default font size
  • Decrease font size
Gje din gåve til Robautviklingsfond
Hjem Gumaata / Gargaarsa

Gumaata / Gargaarsa

E-mail

Gumaata / Gargaarsa

Gumaata ijaarsa Laboratorii Mana Barumsa Aanaa Siraaroo Sadarkaa olanaaf 2014 linkii kana banaa suuroota laala

Duraan dursee baga nagaya jiraattan issiniin jedha worra keena.

Akkuma kanaan durat yaadattan mana kitaabaa (Library) suuraan isaa gubbaa irrati gara bita’atiin mudhatu mana barumsa Aanaa Siraaroo sad. 2ffaa karaa adda addsaatiin maalaqa wolitti qabee ijaarsisee Marchii 2013 ebbifamee urga tajaajila kennuu egalee woggaa tokko irra darbeera.

Ijaarasa mana kitaabaa sanaaf daandii kana irrati namooni heddu bifa adda addaatiin gumachu’un deegarsi Ummata Aanaa Siraarootii godhan niyaadatama.

Wonti haaroofni mayeesa kana ta’e Mana barumsa Sanbatee Sinqelleetiif Mana barumsa Rophii haga sadarkaa 10 ulguddisanii mani barumsa Aanaa Siraaroo magalaa Lokkee jiru ammo gara hama kutaa 12 (preparatory) akka ta’u murta’u isaati. Kana jechaan ammo ijooleen Aanaa Siraaroo kutaa 10 Rophiif Sanbatee irraa xumuuran Lokkee deemanii Mana Barumsa Aanaa Siraaroo sadarkaa ola’anati baratanii qabxii gaarii fidanii university galuuf yaalu jecha’a.

Garuu mani barumsichaa bakka chemistrii, physicsiif Biologii itti qra’atan (yaalan) waan hinqabneef ijoolee qabxii mishaa akka fidanii hinlufne dhiibbaa gudda itti akka godhu beekama’a.

Hanqinna kana dhidhisuuf jecha ammalee akkuma suuraa gara bitaa jiru kana irrati laaltan akkuma kanaan duraa Laboratorii kana ijaarsisuuf dhakaan bu’uraa dhabamee ijaarsi bu’uraa xumuuramuu gayeera.

Ammallee akkuma isinitti dhagayameen woma yaddaniin osoo nubira dhaabatanii Laboratoriin kun akka hennaa gabaabaa kesati xumuramee ijoolee teenaa tajaajila kennu osoo goone guddisee bareeda.

Namooni waa arjoomuu yaaddan karaa laakoobsa Baankii xalayaa kana mila jala jiruun ykn Western Union Bankiin maqaa kiyyaan erguu nidandeettan.

Waandhi ummata keennaa issin ha’ebbisu!

Nagaya wolliin

Iyyannaa gumaata 2011 as tuqaa dubbisaa!

Iyyannaa Gumaata 2010 as tuqaa debisaa!

Iyyannaa gumaata 2009 as tuqaa dubbisa'a!

Akkuma mana kana keessa fuula adda addaa irraa hubbatan projektoota heddu harkaa qabna. Kanaafuu ossoo woma issinitti dhagayameen akkasuma yaadanillee akka nubira dhaabattan abdii goona.

Worra kanaan durati nugargaartanillee gallani keesan hinbadin!

Yoo akii projektoota keenna gargaaruu carraa qabaattan,

karaa heddu keesaa inni tokko Western Union Bank. Karaa kana irraa muxxannoo mishaa qaba!

Inni bankii ammo akkuma armaan jalaa kana:-

Our Bank A/C is 3290 2144 896,

BIC / SWIFT. DNBANOKK,

A/C for international payments,

IBAN: NO 45 3290 2144 896

Yoo nuqqunamuu feetan tessoon keenna kunoot:

Address:
Roba Utviklingsfond, c/o Wako Roba
P. Krohns veg 64
4352 Kleppe
NORWAY

Organaisation number: 992 625 821

http://www.robautviklingsfond.no/

 

E-mail: This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it
Telephone: +47 513 20 116
Mobile Phone Number: +47 476 16 032

Gumaata ummata Aanaa Siraarootiif nannoo adda addaa irraa kanaan durrat godhamee ture:-

Biyya keennat namni millioona hedduu beelaan midhamuun isaa hinyaadatama. Keesattuu Aanaani Siraaro’onannoo irra caalaa hubame keesaa isa tokko. Isuma kana hubachuu irraa kan ka’e Oromoon biyya alaa jiranilleebifa adda addaatiin akka dhuunfa’atis ta’e akka hawaasaatiin gumaachanii ummata san yaadataniiru! Fakeennaaf:-

Hawaansi Oromoo Austraaliya (Australian Oromo Community Association in Victoria Inc

Gabaasa gumaata Hawaasa Oromoo Australia.pdf

Woldaa Hawaasa Oromoo Minnisootaa (WHOM)

Gabaasa gumaata Woldaa Hawaasa Oromoo Minnisootaa ( WHOM).pdf

Xalayaa galataa Aanaa Siraaroo irraa.pdf

Woldaa Hawaasa Adventistii Minnisootaa

Last Updated on Saturday, 10 December 2022 07:32  
Kontakt This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it