• Increase font size
  • Default font size
  • Decrease font size
Gje din gåve til Robautviklingsfond
Roba Utviklingsfond

Gara Mana keena kana baga nagayaan dhuftan!

E-mail

Haga bara 2012 wolumaa gallati horii 450 oli ta'u binnee hiyyeesa hanqifataa maatii 450 oli ta'uu qoodneera.

Interviwu guyyaa 12.04.2013 sagalee Afaan Oromootiin goone as tuqaa dhaggeefadha'a

Guyyaa gaafa 26.07.2010 Godina Arsii Lixaa, Aanaa Siraaroo gabayaa magalaa Rophii guyyaa hojja keessat gumaata Norway keesaa maatiif froottan hiriyyaa kenna irra gara matii harka qadheeyiif hanqifaa ta'aniif ergameen nannoo qarshii 13 000 tiin re'iniif hooloota wolii gallat 45 binnee maatii hanqifataa ykn hiyyeesa 45 qooduu kenna hennaa ibsinu gammachuu gudda'an!

Ebba mangudootaa vidio kana banaa laala'a akkasuma dhageefadha'a!

Guyyaa 22.06.2009 Godina Arsii Lixxaa, Aanaa Siraaro'o, gabayaa Roophii jedhamtu keessat gumaata Norawy keessaa argame gara nannoo birrii 7000 tiin hoolootaaf re'iin wolumaa gallat 37 binnee maatii 37 hanqifata'a qoonneera! Vidiyoon kun hennaa san woraabameeraa laalaa mee!

Guyaa 11.05.2009 gabayaa san keesatt raaddan, jiboolee, re'iin, hoolootaaf harriin wolumaa gallat horii 108 nannoo birrii 53000 tiin binnee hiyyeesa hanqiftataa ganda 4 irraa filchiifnee maatii 108 qoonnee turre! Gabaasa guutuu dubbisuuf as tuqa'a!

Guyyaa 30.08.2008 Aanaa Siraaro'o Magalaa haaraya jiddugaleetii anichaa kan Lokkee Hadda jedhamu keesat gumaata Hawaasni Oromoo Australia Viktoria irraa ummata beelaayeef nannoo doolara 3000 gumaache ture san hennaa hujii irra olchinee ebba abbootiniif hawwootiin keenna Oromoota kana gumaachaniif erganii turan keesaa issa gabaabaa kana vidiyoo Ebba 1faa fi 2ffaa  kana irraa dhaggeefadha'a! Akkasuma gabaasni guutuu gumaata sanii asi tuqaa dubbisa'a

Ebba 1faa

Ebba 2faa

Wolii gallat wogootii darban 3 kana keessat hiyyeesa hanqifatee horii 365 binnee maatii 365 qoonneera!

Kanatti dabalatee gumaata Hawaasni Oromoota Australia tiif Woldaan Hawaasa Oromoota Minnesoot (WHOM) ummata Aanaa Siraaro'o kan beelaan midhameef gumaachanii midhaan worqii jedhamu binnee qoonne san hinyaadanna!

 

 

 

 

 

 

 

Maddi Misooma Rooba’a urga hujii misooma Aanaa Siraaroo keesatt hujjatuu jalqabee turullee bifa kanaanijaarame seensa bara 2008 keessati.

Maddi Misooma Rooba’a kun akka seera biyya Norway irrat hundayee maqaa ”Roba Utviklingsfond” jedhamuungalmaayeeti kan hujii misoomaa kana deemsisaaru.

Akeekni Madda misooma Rooba'a kun inni firrisaan Oromiyaa, Arsii Lixxaa, Aanaa Siraarookeessat hujiimisooma bifa adda addaa irrat saganteefatee dalaga.
Projektoota qabnu keesaa manniin barnootaa, egumsa fayyaa, qilleensa nannootiif hujii qonnaa fakaatan!

 

 

 

 

  • Mannii barnootaa laalchisee, akkuma hanqinna qabaataniin daree dabalataa, mana libreerii (mana kitaaba keessat dubbisan), mana finccaanii kanfakaatan ijaara.
  • Egumsa fayya'a laalchisee, Hawwootiif abboottii moodeela ykn fakkeenna ta'u danda'an fillanneebarumsa wa'e egumsa fayya'a, wa'e nyaata madaalaa, qullqullinna, mana finccaanii da'ot qotachuukanfakaatan oggeesoota nanno irrat hirmaachiifnee akka leenjisan goona
  • Qilleensa nannoo laalchisee, naannoo san munni waan hinjirreef, biqiltuu bifa adda addaa kan nannoosanit biqilchanii guddatuu danda'u ogeeyii qorachiisaa biqiltuu bifa adda addaa offii dhaabnee ummanninanno'ollee akkasuma maniin barnootaa kan Aanaa san keessat argaman akka dhaabanii guddisankakaafna, hamilee isaaniillee jajjabeesina.
  • Hujjii qonnaa laalchisee, qotee bula'a fakkeena mishaa ta'u danda'an haga tokko filachu'un leenjiimidhaan nyaata bifa adda addaa akka qotanii lenjisu'uf sagantaa qabna.

 

 

 

 

Madda ka irraa argannu, namoota dhuunfaatiif warshalee adda addaa irraa yoo ta’u qaama mootummaallee gaafachuuf sagantaa qabna.

Maddi Misooma Roobaa kun ka geggeefamuun koree fedhii offiitiin off kennaniin. Biyya Norway keesatis ta’e Oromiyaa keesat namni minda’an ramadamee hinjiru. Kana jechaan gummani karaa adda addaa irraa argame martuu akkuma jiruun akeeka isaa saniif ola.

 

Last Updated on Wednesday, 06 December 2023 18:53
 
Kontakt This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it